Caffeen Oromiyaa Wixinee Labsii Dhaabbiilee Misoomaa Mootummaa naannoo Oromiyaa mirkaneesse

353

Finfinnee, Bitootessa 13/2014 (TOI) – Caffeen yaa'isaa gaggeessaa jirun Wixinee Labsii Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti ibsa kenne jira.

Addee Mastaawoot Fayyisaa dura teessuu koree dhaabbii dhimma baajataa fi to'annoo horataalee mootummaa fi hoggantuun biiroo dhaabbilee misooma mootummaa Addee Kokoobee Wixinee Labsii Dhaabbiilee Misoomaa irratti barbaachisummaa isaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Labsichi mootummaan dameewwan diinagdee keessatti qaawwa hanqinni gabaa uumu, dandeettii raawwachiisummaa dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee misoomaa gar -tokkee cimsuudhaan misooma itti fufsiisuuf, dhaabbileen misoomaa kunneen dorgomaa, si'ataa fi bu'a qabeessa ta'aanii tarsiimoo imala badhaadhinaa galmaan gahuuf guddina diinagdee mirkaneessuu keessatti shoora murteessaa bahuu akka danda'anii fi hojimaata ammayyaa'aa dantaan mootummaa fi uummataa ittiin mirkanaa'u diriisuun barbaachisaa waan taheef bahuu ibsameera.

Miseensoonni caffee wixinee dhiyaatanirratti yaadaa fi gaaffii dhiyeessaniiru.

Maarii taasifameen boodas Caffichi Wixinee Labsii bulchiinsa Dhaabbiilee Misoomaa Mootummaa naannoo Oromiyaa sagalee caalmaan mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015