Godinichatti Hojjatoonni Ragaa Barnoota Sobaa fi Muuxannoo Hojii Sobaa Fayyadamanii Argaman Himannaan Seeraa Irratti Banamuufi

110

Ambo Ebla 03/2011 Hojjattoonni ragaa barnootaa fi muuxannoo hojii sobaa fayyadamanii argamaan 152 irratti himaannaan seeraa banamuuf akka ta'e biiroon Siviil Sarvisii godina Shawaa lixa beeksise.  

Hojjattoonni kunneen godinicha keessatti biiroo adda addaa keessa hojjachaa jirachuun isaanii beekamee jira.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa adde Agenyaahu Ajjamaa akka himanitti, ragaan barnoota sobaa hojjattoota kuma 1 fi 941 irratti eeruun isaan ga'uu dubbataniiru.

Kanneen eeruun irratti kenname keessaa hojjattoonni 152 ta'an kolleejji adda addaa irraa akka eebbifaman fakkeessuun biiroo mootummaa keessatti hojjachaa argamuutu beekame.

Eeruu namoota kanneen irratti kennameen biiroon siviil sarviisii godinichaa waajjira namoonni kunneen hojjatan waliin ta'uun ragaa barnoota sobaa ta'uun mirkanaa'uu isa himaniiru.

Shakkamtoota kanneen keessaas 95 kan ta'an ragaa barnoota olaanoo irraa kan ittiin hin eebbifamne kan dhiyessan yoo ta'u, 57 kan ta'an ammoo muuxannoo hojii sobaa kanneen dhiyeessanii hojjachaa jiranidha.

Kolleejota 14 ta'an ammoo eddoon isaanii dhabamuu isaaniin biiroon siviil sarviisii naannicha akka sakattaasisuuf ol dabarsuu isaaniis itti gaafatamtuun himanii jiru.

"Shakkamtoota kanneen seeratti dhiyeessuuf ragaan qabatamaa ta'e argamuu isaatiin himata banuuf jenna" jedhaniiru.

Godinichatti hojjattuun waajjira kominikeshinii kan taate adde Shamee Baqqalaa yaada kennaniin ragaa barnoota sobaan hojjachuun hojii mootummaa irratti dhiibbaa fiduu isaan ala, ummata biraa irratti miidhaa addaa kan geessisu dha.

"Namoonni ragaa barnoota sobaan hojjatan ofitti amanamumman isaanii waan gadi bu'uuf hojjattoota kanneen biroo irrati miidhaa ni geessisu" kan jedhan ammoo adde Soorettii Beellamaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015