Manni Maree Ministiroota walgahii idilee har'a taa'een murtoo garagaraa dabarse

Bitootessa 10/2014(TOI) - Manni Maree Ministiroota walgahii idilee 5ffaa har'a taa'een dhimmoota adda addaarratti murtoo dabarseera.

1.Manni marichaa sanada tarsiimoo faayinaansii biyyaaleessaa (2014 - 2018) irratti mari'achuun sagalee guutuun raggaaseera.

2.Sagantaa sirna fooyya'iinsa faayinaansii baadiyyaa raawwachiisuuf kan oolu waliigaltee liqaa Fandii Misooma Qonnaa idil addunyaa waliin taasifame manni Maree bakka bu'oota ummataa akka raggaasu qajeelchera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015