Jilli Deetaa Ministira Qonnaa doktar Fiqiruu Raggaasaan durfamu Naannoo Sidaamaatti Misooma Beelladootaa daawwate.

67

Bitootessa 10/20149TOI) -Jilli Deetaa Ministira Qonnaa Dr Fiqiruu Raggaasaan durfamu Naannoo Sidaamaatti sosochii Misooma Beelladootaa hojjetamaa jiru daawwateera.

Jilichi Magaalaa Hawaasaa fi naannawaa isheetti hojii horsiisa loon aannanii fi Lukkuu intarpiraayizootaan hojjetamu daawwateera.Jilichi Magaalaa Yirgaaleem, Borchaa fi Lookoo Abbayyaattis hojiilee ekisteenshinii misooma beelladaa gurmaa’e akka daawwatus himameera.

Kaayyoon daawwannichaas hojii pirojeektii fooyya'insa misoomaa beelladaa fi qurxummii minsteera qonnaan hojjetamaa jiruufi bu'aawwan argamaan gamagamuuf ta'uun himameera.

Afa- yaa'ii mana maree naannoo Sidaamaa aaddee Faantaayee Kabbadaa dabalatee hoggantoonni naannichaa biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015