Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Idilee gaggeessaa jira

60

Bitootessa 10/2014 (TOI) – Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Idilee 6ffaa marsaa 1ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessaa jira.

Miseensonni mana marichaa bulchiinsa gaarii, misoomaa fi tajaajila sirna haqaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban Af Yaa’iin mana maree naannichaa Aadde Baanchayehu Dingataa ibsaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa furuun fi hawaasni hojiilee misoomarraa fayyadamoo akka ta’an qaamni hundi bifa qindoomina qabuun socho’uu akka qabanis hubachiisaniiru.

Qulqullina Piroojektootaa, kenniinsa tajaajilaa fooyyesuu, dargaggootaaf carraa hojii uumuun, mareen biyyaaleessa akka milkaa’uu yeroo itti dhimmoota xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu qabas jedhaniiru.

Yaa’ichaan raawwiin hojii mootummaa baatiwwan jahan darbanii kan gamaaggamamu ta’uus himameera.

Wixineewwan labsii garaagaraa fi muudamni adda addaa dhiyaachuun erga irratti mari’atamee ni ragga’a jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Seekreeatariyaal Pireesii naannichaarra argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015