Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii ‘UNICEF’deeggrsa maallaqaa fi tekinikaa Itoophiyaaf taasisu cimsee itti fufa.

80

Bitootessa 09/2014(TOI) - Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii ‘UNICEF’deeggrsa maallaqaa fi tekinikaa Itoophiyaaf taasisu cimsee kan ittibfufe ta'uu beeksise.

Dhaabbatichatti Gorsaan Naannawaa Eegumsa Daa’immanii Biiroo Naannawaa Bahaa fi Kibba Afrikaa Andiiw Berookis, Ministira dhimma hawaasummaa fi Dubartootaa Dr Hergoogee Tasfaayee waliin dhimmoota gara garaa irratti mari’ataniiru.

Mootummaan naannolee sababa waraanaa fi hongeen miidhamaniifi kutaalee hawaasa gara garaa buqqa’an, keessattuu daa’immanii fi dubartoota deeggaraa jiraachuu fi deebisanii dhaabuuf xiyyeeffanoo olaanaan hojjechaa jira jedhan, Dr. Hergoogeen.

Dhaabbatichis deeggrsa hawaasummaa Lammiilee miidhamaniif gumaachu karaa qindoomina qabuu fi dhaqabamummaa qabuun cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbata UNICEF'tti Gorsaan Naannawaa Andiiw Berookis gama isaaniitiin, naannolee sababa waraanaa fi hongeen miidhamanii fi kutaalee hawaasa gara garaatiif gumaacha taasisu kan duraanii caalaa bifa qindoomina qabuun cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru. DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015