Faalama Pilaastikaan dhufu ittisuuf murtee furmaata ariifachisaa barbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Faalama Pilaastikaan dhufu ittisuuf murtee furmaata ariifachisaa barbaachisa
Bitootessa 09/2014(TOI) – Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii faalama Pilaastikaan dhufu ittisuuf murtee furmaata ariifachisaa fidu barbaachisa jedhe.
Addunyaa kanarraatti sadarkaa olaanaan dabalaa kan dhufe faalama Pilaastikaa ittisuuf mootummaan murtee furmaataa ariifachiisaa kennuu akka qabu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hubachiise.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii “Recycling Day” yookiin guyyaa deebisanii fayyadamuu ilaalchisuun ibsa baasen lafti waggaatti haftee omishaa pilaastikaa toonii miiliyoona 400 keessuummeessiti jedheera.
Daqiiqaa keessatti pilaastikiin bishaan baatu miiliyoona 1 ta’uu bittaaf kan dhiyaatu ta’uufi waggaa keessatti immoo qalqalloon pilaastikaa tiriliyoonni 5 meeshaalee qabachuuf kan oolan ta’uun himame.
Omishaaleen pilaastikii walakkaa ta’an yeroo tokkoo qofa faayidarraa kan oolan ta’uufi turtii lafa keessatti qabaniin tortoruuf waggoota kuma 1 akka itti fudhatu himamun, dhimmichi yaaddessaa ta’uun dhaabbatichi(UN) hubachiiseera.
Waggaatti omishni pilaastikii tooniin miiliyoonni 11 gara qaama lafa bishaanitti kan dabalaman ta’uufi kunis gosa sanyi qurxuummii 800fi sanyii bineeldota bishaan keessaa irraan balaa kan saaxilu ta’uun eeramera.
Rakkoon kun hanga kana yaaddeessaa ta’us waggaatti hafte omisha Pilaastikaa deebisanii fayyadamuf ooluu %10 ka hin caallee ta’uu himameera; mootummaan faalama pilaastiki ittisuuf murtee ariifachisaa akka kennuu yaadachiseera.