Sirni Eebbaa Istaadiyeemii Wallaggaa Adeemsifamaa jira

78

Naqamtee Ebla 3/2011 Bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataa birrii miiliyoona 196n ijaarsisaa kan xumurame sirni eebbaa Istaadiyeemii Wallaggaa adeemsifamaa jira.

Itti Gaafatamaan Ijaarsa Istaadiyoomii Wallaggaa Obbo Tashoomaa Gammadaa akka jedhanitti, Hojjetamuun istaadiyoomii kanaa faayidaa dachaa kan qabudha.

Ispoorteessitoota ciccimoo sadarkaa adda addaatti dorgomoo ta'an horachuu, lammii fayyaaleessa hawaasaaf dinagdee keessatti hirmaatu horachuuf akka dandeessisan dubbataniiru.

 Ijaarsi istaadiyoomichaa yeroo jedhametti xumuramuu baatus maallaqa xiqqoon hojiin qulqulluu ta'ee hojjetamuu danda'eera jedhaniiru.

Istaadiyoomiin kun naannawa isaatti kutaawwan tajaajila daldalaaf oolan hedduu kan qabu yoo ta’u, sochii dinagdeetiif bu'aa guddaa argamsiisuu kan danda'u ta’uus dabalanii eeraniiru.

Naannawa istaadiyoomichi itti ijaarametti bu'uuraaleen misoomaa manneen akka daandii asfaaltii ijaaramuunsaas hawaasa naannichaaf hedduu kan fayyadedhas jedhaniiru Obbo Tashoomaan.

Baasii ijaarsa isteediyeemichaa hanga ammaatti hojiirra oole mil. 196 keessaa mil. 181.7 bajata mootummaa akka ta’e ibsaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa, abbootiin amantaa fi abbootiin Gadaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015