Haalli qilleensa ho'aan yeroo ammaa mul'achaa jiru waqtii Arfaasaatti haaluma qilleensaa eegamudha jedhame.

190

Bitootessa 06/2014(TOI) - Haalli qilleensa ho'aan yeroo ammaa mul'achaa jiru waqtii Arfaasaatti haaluma qilleensaa eegamudha jedhame.Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa akka beeksisetti Itoophiyaatti waqtii Arfaasaa hammi ho'aa olaanaan galmeeffamuun beekamaa ta'u himeera.

Ho'i olaanaan yeroo ammaa Itoophiyaatti mul'achaa jirus kanarra adda kan hin taane ta'uu Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itoophiyaatti daariktarri Kominikeeshinii fi Sab-Qunnamtii Uummataa obbo Ahimadiin Abdulkariim himaniiru.

Waqtii Arfaasaatti fayyadamtoonni roobaa, roobni idilee fi idilee gadii akka jiraatu fi sababa ho’insaan qaamota bishaanii fi hidhoota irratti hammi hurkaa akka dabalus Inistiitiyuutiichi raaga haala qilleensaa Arfaasaa isaa yeroo ifa godheetti ibseera.

Akka raagaa Instiitiyuutichaatti walakeessaa baatii Bitooteessaa irraa jalqabee Kibbi, Kibbi lixaafi Kibba bahaatti roobni arfaasaa ni roobaa jedhamee eegama.

Walii galaan bara kana waqtii arfaasaa roobni jiru rooba idileen gadii waan ta'eef qaamolee bishaaniifi hidhaawwan bishaanii ofeeggannoon fayyadamuufi haalan hogganuun barbaachisaa akka ta'e obbo Ahimaddiin himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015