Magaalaa Mi'eessootti meeshaaleen kontrobaandii gatiin isaanii birrii miiliyoona 8 olitti tilmamaan to'ataman.

60

Bitootessa 06/2014(TOI) - Magaalaa Mi'eessootti meeshaaleen kontrobaandii gatiin isaanii birrii miiliyoona 8 olitti tilmamaan to'atamuu poolisiin beeksise.

Meeshaleen kunis konkolaatota lakkoofsa gabatee hin qabne lamaan osoo fe'amanii deemanii eeruu uummanni kenneen sakata'insa taasifameen magaalaa Mi'eessootti to'atamuu hogganaan Poolisii bulchiinsa magaalaa Mi'eessoo Saajin olaanaa Ahimadiin Kadir himaniiru.

Meeshaalee to'ataman kana keessa uffata gosa adda addaa, Sigaaraafi Shiishaan akka keessatti argaman himaniiru.

Konkolaachiftoonnii fi gargaartoonni isaanii yeroof kan miliqan ta'uus to'annoo jala oolchuuf hodoffiin taasisfamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015