Sararri Faayibarii Optiksii miidhaan irra gahee suphamaa jira.

77

Bitootessa 6/2014(TOI) – Sararri Faayibarii Optiksii sababa weerara garee shororkeessa ABUT tiin miidhaan irra gahe suphaamaa jira.

Utubaawwaan sarara humana ibsaa daddabarsaan kan Kombolchaa - Samaraa, Shawaa Roobii - Kombolchaa, Kombolchaa- Allamaaxaa, Kombolchaa Agastaa garichaanmanaca'ee turuun himameera.

Dabalatan kallattii kanaan sararri Faayibarii Optiksi diriiree tures manca'uun himameera.

Sararoonni Faayibarii Optiksi kunneen sararoota daddarsa humna Elektirikaaf uwwisa ittisaa ta’uurra darbee hojii Teeleekoominikeeshinnii fi Maddaa fi Raabsa humnaaf ragaalee gara Giddugala To’annoo Humna waliigalaa biyyaalessaatti dabarsuuf qooda qabaachuu Humna Elektirikaa Itoophiyaatti Hojii Gaggeessaan Biiroo Oppireeshinii fi Suphaa obbo Eermiyaa Gabra Madihiin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015