Hanga Daandii Ariitii Itoophiyaa kilomeetira 1600 gahuuf karoorfameera.

88

Bitootessa 5/2014(TOI) - Itoophiyaatti waggaa kudhaan keessatti hanga Daandii ariitii kilomeetira 1600'n gahuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun himame.

Itoophiyaan dameewwaan adda addaan hojii milkaa'aa hojjechuuf karoora waggaa kudhanii bafattee hojjechaa jirti.Dhaabbileen adda addaas akkaataa amala hojii isaaniin karoora kana hojiirra oolchaa jiru.

Dameewwan kana keessaas Itoophiyaatti daandii ariitii yeroo ammaa kilomeetira 300 irra jiru bara 2022 gara kilomeetira 1600 tti ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Bulchinsa Daandii Itoophiyaatti hoggantuun garee bu'uura daandii, Saadiyaa Bashir Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, daandiiwwan ariitii sochii dinagdeefi hawaasumma ariifachiisuu keessaatti gahee guddaa qabu.

Sadarkaa aardiitti daandii bu'uuraan dabalatatti sochi dinagdee ariifachiisuu keessatti daandiin ariitii gahee gudda qaba.Itoophiyaatti daandiin ariitii haga ammaatti daandii Mojoo- Hawaasaa fi Finfinnee - Adaamaa dabalatee hanga 2012 tti kan jiru kiloomeetira 301 gahuu himaniiru.

Karoora waggaa kudhaniin daandii ariitii kilomeetira 1300 hojjechuun walii galaan immoo kilomeetira 1600 gahuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Daandiiwwan ariitii kana biyyoota ollaa waliin wal qunnamsiisuun qindoomina gama dinagdeen jiru caalaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Haaluma kanaan daandiin Itoophiyaa Jibutii, Ertiriyaafi Sudaan waliin wal qunnamsiisuu hojjetamuuf karoorfamuu himaniiru.

Daldala ala ergii fi alaa galchii Keeniyaa fi Itoophiyaa to'achuuf kan gargaaru buufanni to'annoo Mooyaaleetti waloon ijaaran fakkeenya hojii walitti hidhamisa daandii biyyoota ollaa waliin taasifamaa jirudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015