Qonnaan bultuu “gidiraadhaan lafa isaanirraa buqqa’anii” alatti hafan

568

Finfinnee Sadaasa 26/2011 umriin isaanii waggaa 48 kan ta’e Adde Muluu Damissee ijoollee isaanii waliin mana isaanitii bahanii gidiraaf saaxilamuun karaarra jiraachuu erga jalqabanii waggaa 8 ol ta’eera.

Magaalaa Finfinnee hoteela Sameenitti hirkatanii jiraachuu jalqabuu isaaniitiin dura lafa qochisiifatanii galii argataniin jirachaa turan.  Ijoollee isaaniis  barsiifachaa, maatii isaanii nama sagalis bulchaa turan. Har’a garuu kun hundi seenaa ta’eera. “gidiraa irra ga’een” ijoollee isaanii lama dhabaniiru. Har’a ijoollee isaanii 5 waliin ala buluudhaan waan nyaatanii bulan argachuuf harka namaa ilaalaa jiru.

Bultii dhaabbatanii ijoollee argatanii qe’ee dhalootaa isaanii gammachuudhaan keessa jiraatan godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa Sulultaa ganda qonnaan bulaa Darbaa Gullallee Barreessaa keessaa sababni bahaniif lafa heektaara 5 abbaa isaaniirraa dhaalan “gidiraadhaan waan irraa fudhatameef” akka ta’e dubbatu.

Aadde muluun abbaan manaa isaanii erga du’aan boqotanii booda lafa qonnaa isaanii nama Masfin Baraddaa jedhamu waliin qixxee qotanii walii qooduuf walii galu. Namni kun adde Muluu waliin erga walii galtee taasisee booda waggaa 5f qixxee qote. Adeemsa keessa “lafa kana waan wal geeddarref naaf gadhiisi” jechuun dirqisiise. 

“lafti kun jalqaba kan abbaa fi kan haadha kooti. Isaan duunaan anatu dhaale. Sana booda qixxee qotaa erga dhufnee booda jijjiirraadha jechuun na gane. Rakkoo guddaa keessa galeetan ijoollee  lama du’aan dhabe. Sana booda iddoon bulu dhabeetan bakka kana qubadhe. Jireenyi koo kunoo akkuma argitan kana. Dhumarratti na gane, inumaayyuu nan maraadhe”.

Namni kun “beekamtii” aadde Muluu malee lafa heektaara 5 yemmuu irraa fudhatu qaamoleen mootummaa dhimmi kun ilaallatu attamitti callisan? kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.

“Kana kan narratti raawwatan walii galaniitu. Dura taa’aa gandaatiin walii galanii, matta’aa kenneetiif Caancoo irratti akka natti murtaa’u taasise. Anis nufeen itti dhiise. Kunoo ijoolee koo qabadheen asitti kufeen harka namaa ilaalee jiraadha.”

Gaazexeessan Tajaajila Oduu Itoophiyaa gara qe’ee keessa jiraachaa turanii deemee wayita qulqulleessu Sanadiin adde Muluu guutuu ta’e galmee gandaa keessa jiraachuu isaa mirkaneesseera. Abbaan taayitaa galiiwwanii Sulultaa Sadaasa 3/2011 lakkoofasa ATG AB1559 xalayaa barreesseen aadde Muluun bara 2000 lafa heektaara 5f gibira waggaa birrii 196 kafaluu isaanii mirkaneessa.

Kan obbo Masfin garuu hin jiru.”wal geeddarreetu”kan jedhus waanti mirkaneessu hinargamne.

Bultii kan qabdu Mucaan adde Muluu Warqee dhaabaa, namni kun lafa haadhasaanii qixxee qotuudhan qoodafii akka ture ni beeku. Battalumatti garuu “jijjiirraadha jechuun irraa fudhate”jedhu. 

“Isheen kunoo hiyyummaaf saaxilamte.Qoraan gurgurtee, Kaboota funaanteetu ijoollee ishee guddisaa turte. Anis daa’ima ta’ee ishee waliin qoraan funaaneen jiraacha ture. Guddannee waan uffannu yemmuu dhabnu beelli nutti hammaannaan baqanne. Obboleewwan koo dubaraa lama beelaan du’aniiru. Kan lubbuun jirru ammoo adda facaane. Haati keenya laastikii kana diriirsitee jiraachuu erga jalqabdee bubbulteetti.”

Gaazexeessan keenya naannoo aadde Muluun jiraachaa turan wayita deemetti ollaa isaanii kan turan dubbisee, isaanis,”lafti ishee gidiraadhaan irraa fudhatameera. Nama ishee dhaga’u, qaama haqa ishee ilaaluuf dhabdeetti” jechuun dubbatu.

“Qixxee kennaa turte. Inni garuu qixxeen qota jedhee irraa fudhate. Homaayyuu dhoowwate. Mana murtee yoo deemtus faayilli ishee hin ba’u. Akka jalaa ukkaamamu taasisa. Maallaqa hin qabdu. Maatii ishees gidirsaa jira. Ijoollee ishee qabattee eessa akka deemte hin beeknu ture.” jedhu obbo Tashoomaa Dabbee.

Adde Abeebee Maammoo akka jedhanitti, waagaa 40f naannoo kana jiraachaa akka turan dubbatanii, lafa aadde Muluu heektaara 5 kan fudhate Masfin Baraddaati. Adde Muluun hiyyeetiidha. Ijoolleen isaanii jalaa du’anii namatu awwaaleef. Osoo lafa qabduu Magaalaatti baqattee kadhachaa jirti” jedhu. 

Adde Muluu irraa “sababa qixxee jedhuun lafa irraa fudhataniiru” kan jedhaman obbo Masfin “walii galteedhaan lafa wal jijjiirreetu”jedhu.

“Adde Muluu wajjin bara 1985 walii galteedhan wal jijjiirreerra. lafa lafaan wal jijjiirre. Haala waljijjiirraa keenyaan lafti na harka tureera. Bara 2004 waldaa qonnaan bulaa gandaaf iyyatte. Haala iyyannaa isheetiin jaarsa lakkaawwanne. Jaarsis qaboo yaa’ii qabatee gandaaf dhiheese.Gandis gara mana murteetti dabarse.Manni murtees bitaa-mirgaan wal falmisiisee murtee kenne. Haala murteetiinis lafti kan koo ta’e. Sana duras ani humnaan hin qabanne. walii galteeni malee.” jedhu obbo Masfin.

Obbo Masfin lafti heektarri 5 kun kan isaanii ta’uu  sanada mirkaneesuu fi walii galtee wal jijjiiruu isaanii agarsiisu akka dhiheessan gaafatamnii,”dhimma biraatiif abukaatoo koo harka jira” sababa jedhuun nutti agarsiisuu hin dandeenye. Aadde Muluun osoo lafa waljijjiiran qabaatanii rakkoo kanaaf ni saaxilamuu? gaaffiin jedhu deebii hin arganne.

Lafa kana bara 1984-1985tti obbo Masfin wayita qabatanitti barreessaa ganda kanaa kan turan obbo Geetaachoo Guddaa akka jedhanitti,”obbo Masfin “lafa kana nan misoomsa” jedhee fudhateera. 

“Lafi kun durumayyuu kan adde Muluu Damissee akka ta’e nan beeka. Masfin misooman irratti hojjedha jedhee aanaa irraa xalayaa barreesisee gara keenya fide. Fedhii isaniitiin akka ta’e gaafannee fedhii isaaniitiin akka ta’e nutti himan” jedhaniiru.  

Obbo Masfinii fi barreessaan gandaa kan duraanii obb. Geetaachoon kana haa jedhan malee gaazexeessan Tajaajila Oduu Itoophiyaa jaarsolii naannoo fi qaamolee bulchiinsaa gaafatee akka mirkaneessetti  obbo Masfin lafa jijjiirraan kennan hin qaban. Waa’ee walii galtee jedhames akka hin beekne dubbatan.

Aanaa Sulultaatti dura taa’aan ganda Darbaa Gullallee Barreessaa obbo Dajanuu Tasfaayee akka jedhanitti, aadde Muluun haadha qabeenyaa lafa kanaa fi seeraan gibira kan kafalan ta’uu dubbataniiru.

“Adde Muluun duraan gibira akka kafalan nan beeka. Isaan lamaan wal haa beekan malee nuyi waa’ee jijjiirraas, waa’ee kiraas waan beeknu hin qabnu. Qabiyyeen kun kan adde Muluu akka ta’ee fi gibiras akka kafaltu sirriittan beeka. Sadarkaa keenyatti sababni hiikamuu hindandeenyeef iccitii isaa waan hin beekneefi. Inni jijjiirraadhan qabadhe jedha.Kaan ammoo kontiraataan jedha.Wilii dhiheeffadhaa jennus waanti nuuf dhihaate hin jiru”  

Dura taa’ichi akka jedhanitti obbo. Masfin bara 2009 sanada mana murtee gandaaf kennaniiru. Wayita sanatti murteen akkamitti akka kenname waanti beekan hin jiru.

Yaada kana kan cimsuu fi adeemsa murtee irratti yaada gaaffiin akka ka’u taasisu  kan nuuf qoodan wayita sanatti himattootaaf iyyaannoo kan barreessaa turan ob.Asaffaa Raggaasati.

“Dubartiin Ad.Muluu Damissee jedhamtu na bira dhuftee himannaa naaf barreessi jettee barreessefiin ture. Himannaan kun oofiisaraan ilaalamee mana murteef erga dhihaatee booda namichi mana murtee qofaatti na waamee himannaa kana addaan kuti,yookaan ammoo qabiyyee isaa jijjiiri jedhee na doorsisaa ture. Hin jijjiiru jechuu kootiin guyyaa sadiif hidhameera.”

Itti gaafatamaan waajjira itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaa aanaa sulultaa obbo Gizaaw Taaddasaa yaada nuuf kennaniin, “jijjiirraan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaa qulqulleeffachuuf yaallee turre. Yeroo sanatti namtichi eeyyamamaa hin turre. Manni murtee hin murteessine, sirrii miti, jechuuf aangoo hin qabnu.Ragaa bitaa fi mirga ilaalee qulqulleessee murteessuu ni danda’a. Sana haquuf miti. Lafa jijjiirame eessa jira? agarsiisuu dandeessaa? jennee wayita gaafannu, seeraa ala natti hin deeminaa,seeraanin murteessifadhe, seeraanin argadhe jechuun nuuf deebise.”

Waajjira itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaa aanaa sulultaatti abbaan adeemsa hojii farra malaammaltummaa adde Roomitaa Naggasaa aanicha keessatti haala wal fakkaatuun lafa isaanii kan dhaban qonnaan bultoonni hedduun akka jiran dubbtaniiru. Bulchaan aanaa Sulultaa obbo Hayilamikaa’el Abarraa bulchiinsi aanichaa shira aadde Muluu irra ga’e qulqulleessee furmaata akka kennu mirkaneessaniiru.


“Dhimmi kun kan baay’ee nama dhukkubsudha. Rakkoo kana furuuf bulchiinsi lafa waan itti deemaa jiru cimsinee itti deemna. Namoota harka keessaa qaban mirkaneeffannee seeratti akka dhihaatan haala ni mijeessina.”

Gaazexeessan Tajaajila Oduu Itoophiyaa ragaalee ilaalee akka taajjabetti lafti adde Muluuf jijjiirraan kenname hin jiru. Nami jijjiirraan fudhadheera jedhus ragaa dhiheesse hin qabu. Mana murteenis taanan laficha akka qabatan kan murtaa’e lafti waggaa dheeraaf isa harka waan tureef “Yirgaadhaan jechuun” akka murtaa’eef ragaan mul’isu mana murtii aanaa Sulultaarraa argachuun danda’amus attamitti? karaa kamiin? akka ta’e ragaan ibsu hin jiru. Namni kun garuu “lafa akka wal jijjiiran” cimsaniitu dubbatu.

  •