Oomishinii Daabboon Shaggar Boru gabaaf dhiyaachuu ni jalqaba.

81

Finfinnee, Gurraandhala 30/2014 (TOI) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee Oomishinni Daabboon Shaggar Boru gabaaf akka dhihaatu himan.

Dhiibbaa qaala'insa jireenyaa hiri'asuuf waantoota nyaataf oolan irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiravhuus himaniiru.

Keessattuu bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti gargaarsa mootummaan kan raabsamaa jiru Zayitii fi Daabboo ilaalchisee xiyyeeffannoo addaa itti kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Zayita seeraan ala kuufamee argame dabalatee iddoolee dhiyoo garagaraatii akka dhiyaatan taasiisuun yeroof Zayinni nyaataa liitirri miiliyoonni 2 ol raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Kana ta'uu isaatiin jiraattonni magaalichaa galii gadi aanaan qaban Dukkaana raabsitoota naannoo isaanitti argamu deemuun oomishaalee kanneen argachuu kan danda’an ta’uu eeraniiru.

Daabboon Shaggar haaromsa warshaa fi sababa daballii gatii qamadiin oomisha dhaabee akka turuu kaasuun, Bulchiinsi magaalichaa Daabboo Shaggariif Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 13 deeggarsa taasiisuu dubbataniiru.Akkasumas Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 98n haaromsa gochuun waliigalatti Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 12 ramaduun oomisha Daabboo eegalchiisuun danda'ameera jedhan.

Oomishni Daabboo Shaggar boruu eegalee gara gabaatti kan dhiyaatu ta'uu fi haaluma wal fakkaatuun hawaasni giddugaloota Daabboon Shaggar itti raabsamuu Daabboo argachuu ni danda'a jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015