Guuyyaan dubartoota March 8 bakka Pireezidaant Saayilewarq argamanitti kabajamaa jira.

109

Gurraandhala 28/2014 (TOI) – Guyyaan Dubartootaa sadrkaa idil addunyaatti kabajamu 'March 8' bakka Pireezidaantiin FDRI Saayilewarq Zawudeefi hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa argamanitti sirnoota adda addaan kabajama jira.

Guyyaan dubartootaa 'March 8' sadarkaa idil addunyaatti yeroo 111ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 45ffaaf kabajamaa jira.

Guyyichi sadarkaa biyyoolessaatti mata duree ‘an waardiiyyaa obboleetti kootii’ jedhuun kan kabajamuu yoo ta’u, Raayyaa Ittisa Biyyaatin ammoo mata duree ‘ nageenyaa biyya keenyaa qabsooftuu dubartiin ni mirkaneessina’ jedhuun kabajamaa jira.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti daarektoreetiin dhimma dubartoota sagantaa guyyaa dubartoota kana kan qopheesse yoo ta'uu sirna qopha'ee kanarratti maariin paanaalii fi eebbi Kitaabaa kan taasifamu ta'uu ragaan Raayyaa Ittisa biyyaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015