Qaamolee Qaxxaamuraan duroomuuf daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin ni fudhatama – Aadde Hawwaa Ahimad

61

Gurraandhala 28/2014 (TOI) – Daballiin gatii seeraan alaa gocha namoonni qaxxamuraan duroomuuf taasisaa jiran waan ta'eef mootummaan tarkaanfii cimaa ni fudhata jedhan Hoggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Hawwaa Ahimad.

Tibbana sababa tokko malee daldaltoonni meeshaalee nyaataa fi ijaarsaa irratti gatii humnaa ol dabaluun dararaa hamaa hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Daldala Oromiyaa Aadde Hawwaa Ahimad ibsaniiru.

Gochaan kun ta’e jedhamee qaala’insa nam-tolchee uumuun hawaasa bitataa dararuuf gocha daldaltoota qaxxamuraan duroomuuf hojjetanii fi hojii shira siyaasaa raafama diinagdee uumuun biyyaa fi hawaasa rakkoo irra buusuuf yaalii taasifamu ta’uu himaniiru.

Rakkoo kana furuuf caasaan daldalaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaa gara hojiitti galuu eeraniiru.Koreen tasgabbii gabaa sadarkaa naannoo hanga gadiitti jirus rakkoo hammaataa mudate kana furuuf ciminaan ni hojjeta jedhan.

Akka ka’umsaatti tibbana lola Raashiyaa fi Yuukreen sababa godhachuun gatiin boba'aa dabaleera jechuun gatii zayita nyaataa ta'e jedhamee dabalaa dhufeera.

Meeshaaleen bu'uuraa kan akka zayita nyaataa biyyaa alaatii galan kunneen tibbana kan galan osoo hin taane durumaan kuusaa keessa kan jiran waan ta'eef sababni gatii dabalchiisu tokkollee jiraachuu hin jiru jechuun himaniiru.

Gama biraan zayinni biyya keessatti oomishamus karaa wal-fakkaatuun gatiin isaa dabalaa jiraachuun bira ga’amuu eeraniiru.Oomishni zayita alaa galus ta'ee biyya keessatti omishamu kamuu qaraxaa fi taksii irraa bilisa ta'ee osoo jiruu, sababa quubsaa tokko malee gatii dabaluun ummatta rakkisuun yakka guddaa ta’uu kaasaniiru.

Kanaaf, mootummaan daldaltoota gocha hamaa biyyaa fi hawaasa ganuu akkasii raawwatan hordofee tarkaanfii ni fudhata jedhan.Caasaan sadarkaan jiru dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofuun tarkaanfii barsiisaa akka fudhatus kallattiin kennameera jedhan.

Hawaasni bal’aanis bakka gochi akkasii muul’atutti caasaa fi koree komaandi poostii dhiyeenya isaanitti argamuuf eeruu kennuun dirqama lammummaa akka ba'an Aadde Hawwaan dhaamuu ragaan Biiroo Dhimma Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015