Humnni nageenyaa Somaaliyaa itti gaafatamummaa nageenya biyyattii kabachiisuu waggaa lama keessatti AMISOM irraa fudhachuufi.

57

Guraandhala 28/2014(TOI) - Humnni nageenyaa Somaaliyaa itti gaafatamummaa nageenya biyyattii kabachiisuu waggaa lama keessatti Somaaliyaatti, Ergama Nagaa Kabachiisuu Gamtaa Afrikaa /AMISOM/ irraa guutummaan guutuutti fudhachuufi jedhameera.

Akkaataa raawwii dirqamaa fi yeroo Manni Maree tasgabbii fi Nageenya Gamtaa Afrikaa qopheesseen humni nageenyaa Somaaliyaa itti gaafatamummaa nageenya biyyattii kabachiisuu waggaa lama keessatti guutummaatti ‘AMISOM’ irraa kan fudhatu ta’uu miidiyaan ‘The East Africa’ jedhamu gabaaseera.

Maqaan isaas Ergama Nageenya kabachiisuu AMISOM gara Somaaliyaa irraa, Ergama ce’umsaa Afrikaatti akka jijjirramus himameera. Ergama kanaanis humnoota qilleessaa fi lafoo Somaaliyaa, akkasumas humna dhaabbilee nageenyaa fi tikaa deebiisanii ijaaruun waggaa lama keessatti itti gaafatamummaa guutuu akka fudhatuuf hojiin qopheessuu ni hojjetama jedhameera.

Dhimma ce’umsichaa irrattis Gamtaan Afrikaa fi Mootummaa Somaaliyaa waliigaltee irra gahuun himameera.

Karoorri Mana Marichaa kunis dirqamni AMISOM akka lakkoofsa Awurooppaatti Bitootessa 31,2022tti osoo hin xumuramiin dura mana maree nageenya Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiif dhiyaatee akka raggaasifamus gabaasni The East Africa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015