Muummichi ministiraa Abiyyi fi Pirezidaant Saahilewarq dorgommii qaxxaamura biyyaa irratti garee hirmaataniif afeerraa irbaataa taasisaniif

106


Finfinnee Ebla 1/2011 Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmadii fi Pirezidaant Saahilewarq Zawudee dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa 43ffaa garee Itiyoophiyaa hirmaataniif maasaraa mootummaatti afeerraa irbaataa taasisaniiru.

Deenmaark magaalaa Arhus Bitootessa 21/2011 A.I dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa 43ffaa adeemsifameen Itiyoophiyaan meedaaliyaa warqii 5, meetii 3 fi Naasii 3 ida’amaan meedaaliyoota 11 fudhachuun biyyoota Addunyaarraa sadarkaa 1ffaa qabachuun xumuruun ishee ni yaadatama.

Dorgommicharratti Itoophiyaa dabalatee biyyoota 67 irraa kan dhufan atileetonni 582 hirmaataniiru.

Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimadii fi Pirezidaant Saahilewarq Zawudee hirmaannaa dorgommichaarratti garee qabxii gaarii galmeessiseef afeerraa irbaataa fi galatas dhiyeessuu isaanii odeeffannoon waajjira ministira muummeetii argame ni agarsiisa.

Doktar Abiyyi gaggeessitoota korichaa fi atileetota qabxii olaanaa galmeessisaniif waraqaa ragaa fi badhaasa maallaqaa gumaachaniiru.

Dorgommicharratti dhiirotaa fi dubaroota ga’eessotaan kiilomeetira 10, dhiirota dargaggootaan kiilomeetira 8, dubaroota dargaggootaan kiilomeetira 6 fi walmakaan kiilomeetira 8 kan adeemsifame yoo ta’u Itiyoophiyaan fageenya hundumaa irrattuu hirmaatteetti.

Dorgommii kanarratti dhiirota dargaggootaan kiilomeetira 8 atileet Milkeessaa Mangashaa meedaaliyaa warqii, kiilomeetira 8 walharkaa fuudhinsa ulee walmakaan fi kanneen hafaniin meedaaliyaan warqii kan argaman immoo dubaroota ga’eessotaanii fi garee dargaggootaa koorniyaa lamaaniinuuti.

Meedaaliyoonni meetii sadan dubaroota ga’eessotaan kiilomeetira 10 atileetii Darraa Didaa, dubaroota dargaggootaan kiilomeetira 6 atileet Alamituu Taarikuu fi dargaggoota dhiirotaan immoo atileet Taaddasaa Warquun kan argamanidha.

Dubaroota ga’eessotaan atileet Lettesanbat Gideeyi, dubaroota dargaggootaan Tsigee Gabrasalaamii fi garee dhiirotaa ga’eessotaan meedaaliyoonni Naasii sadan Itiyoophiyaaf argamsiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015