Biyyoonni miseensoota dhaabbata mootummoota galtoomanii faalama naannoo sababa pilaastikaan dhufu hambisuuf waliigaltee seena qabeessa jedhame taasisan

104

Gurraandhala 28/2014(TOI) - Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanittii yaa'iin eegumsa naannoo Keeniyaa Naayiroobiitti geggeeffama jira.

Bakka buutoonni biyyoota miseensoota dhaabbatichaa 175 yaa'ii kanarratti hirmaatan bara 2024 faalama naannoo sababa Pilaastikaan uumamu hambiisuuf waliigaltee seena qabeessa jedhamee taasisuu isaanii himameera.

Sagantaan eegumsa naannoo dhaabbata mootummoota gamtoomanii akka beeksiseetti waliigalteen taasifamee kun faalama naannoo sababa Pilaastikaan uumamuu hambiisuuf tattaaffi sadarkaa idil addunyaatti taasifamu seeraan deeggaruun raawwii hojii hojjetamuuf gahee olaanaa qaba.

Pirezidaantiin yaa'ii eegumsa naannoo Dhaabbata mootummoota gamtoomaniifi ministirri egumsa naannoo Noorway Ayispiin Ayiduu '' Miseensoonni yaa'icha addunyaa eeguuf waliigaltee dandeesisuu murteessaniiru'' jedhaniiru jechuun SKY News gabaaseera.

Addunyaarratti oomishiinni pilaastikaa yeroo gara yerootti guddachaa akka jiru ragaaleen ni muli'isu. Fakkeenyaaf bara 1950 addunyaarratti pilaastikaa toonii miiliyoona 2 qofaatu oomishama.Bara 2017 immo oomishinni kun gara toonii miiliyoona 348 olguddachuu ragaaleen ni agarsiisu.

Rakkoo kana yeroon to'achuun yoo kan hin danda'amne ta'e bara 2040 oomishiinni pilaastikaa kun dachaan dabaluu danda'a jedhamee tilmama.

Oomishaleen pilaastikaa biyyoo keessaa awwalamuunii fi yeroo gubatan naannoo kan faalan ta'uun beekamadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015