Finfinneetti qabiyyee lafaa mootummaa hektaara kuma 3 fi 600 oliif kaartaan diijitaalaa qopha’aa jira.

72

Gurraandhala 27/2014 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti qabiyyee lafaa mootummaa hektaara kuma 3 fi 600 oliif kaartaan diijitaalaa qopha’aa jiraachuu Korporeeshiniin Misoomaa fi Baankii Lafaa Federaalaa ibseera.

Daayireektarri olaantuun Korpooreeshinichaa Leensaa Mokkoonnin akka ibsanitti, sadarkaa biyyoolessaatti qabiyyeen lafaa heektarri miiliyoona 4.6 ol Mootummaa Federaalaa jalatti argamu.

Qabiyyeewwan lafaa kunneen sirnaan faayidaarra oolu dhabuusaanii kan ibsan daayreektirittin, faayidaawwan diinagde biyyattif laatamuu qaban akka laatamnee taasisuu hubachisaniiru.

Magaalichatti qabiyyee lafaa mootummaa hektaara kuma 3 fi 600 oliif kaartaan diijitaalaa qopha’aa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015