Ministiirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa, Yuunivarsiitii Waachaamootti Hoospitaala Yaaddannoo mootittii Illeenii Mahaammaditti maashina Siitii Iskaan eebbisan.

75

Guraandhala 27/2014(TOI) - Ministiirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa, Yuunivarsiitii Waachaamootti Hoospitaala Yaaddannoo mootittii Illeenii Mahaammaditti Birrii miliyoona 45 kan dhaabbame Maashina Siitii Iskaan eebisuun hojii eegalchiisan.

Doktar Liyaa Taaddasaan oomisha Ooksijiiniifi jiddugala tajaajila kennisa yaala fayyaa haadholii Hoospitaalichatti birrii miliyoona 2.6 oliin kan ijaaramuuf dhagaa bu'uuraa sa'aniiru.

Hoospitaalichi bara 1973 ijaaramuun tajaajila kennuu kan eegaledha jedhameera.

Sirna kana irratti Hogganaa Biiroo Fayyaa Naannoo saboota, sablamootaafi uummatoota Kibbaa Obbo Indaashaawu Shibbiruu dabalatee aanga’oonni mootummaa olaanoofi keessummoonni waamichi taasifameef argamanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015