Pireezdaant Saahilawarq Zawdee boqochuu Abunee Marqooreewoosiif gadda itti dhaga'ame ibsan

66

Gurraandhala 25/2014 (TOI)- Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen boqochuu Abunee Marqooreewoosiif gadda itti dhaga'ame ibsaniiru.

Pireezdaantiitti ergaa fuula miidiya hawaasa isaaniin ibsaniin, Abunee Marqooreewoos gara waaqaasanii deemaniiru, gaddaa oonneerraa natti dhaga’ameef maatisaanii fi uummattoota Itoophiyaa maraaf ibsuun barbaadaa jedhaniiru.

Guyyaa kaleessa hospitaala waaniin tureef haalli fayyaa isaanii na yaaddeesse ture, waaqni lubbuusaanii jannata ha boqachiisuu, kabajaan ni gaggeessinas jechuun ibsaniiru.

Haaluma walfakaatuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebees boqochuu Abunee Marqooreewoosiif gadda itti dhaga'ame ibsaniiru.

Aadde Adaanech ergaa gama miidiyaa hawaasumaa isaaniin dabarsaniin boqochuu Abunee Marqoorewoosiif gadda itti dhaga’ame maqaasaanii fi maqaa uummata magaalaa Finfinneen ibsuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015