Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf hojiin sirna barnootaa irradeebiin ijaaruu hojjetamaa jiraachuu Ministiirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa himan.

309

Guraandhala 24/2014(TOI) - Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf hojiin sirna barnootaa irradeebiin ijaaruu hojjetamaa jiraachuu Ministiirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa himan.

Ministiirri Ministeera Barnoota Piroofeesar Birhaanuun Naannoo Kibbaa Magaalaa Jiinkaatti qooda fudhattoota Damee barnootaa Godinoota fi Aanaalee keessaa babba’an waliin Damee misoomichaa irratti mari’achaa jiru.

Waggoota dhufan Shananitti qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoon kennamee ni hojjetamas jedhaniiru. Qorannoowwan dhiyooti hojjetame akka mul’isutti barattoonni kutaa sadaffaa gahan harka 65 dubbisuu hin danda’an kan jedhan Piroofeesar Birhaanuun kun immoo qulqullina barnootaa irratti balaa kan uumu ta’uus himaniiru.

Qulqullina barnootaa dadhabsiisuuf olaantumman ga’umsa barsiisotaa waliin kan walqabatu ta’uus himaniiru.

Ga’umsa barsiisotaa ijaaruun akka barbaachisuu fi dhaabbilee barnoota olaanoo barsiisonni itti baratanitti beekumsa qixa sirrii fudhachuun gara hojii barsiisuutti seenuu akka qabanis himaniiru.

Sirna barnootaa waggoota 27 darbetti dadhabe irradeebiin ijaaruu yoo hin danda’amne barbaada’insa waraana garee shororkeessaa ABUT'n dhaqqabe caalaa miidhaa cimaa kan uumu ta’uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015