Qulqullina oomishaalee mirkaneesuun akka danda’amuuf sadarkaaleen Itiyoophiyaa 168 ta’an raggaasifaman

121

Finfinnee Ebla 01/2011 Manni mare sadarkaalee biyyaalessaa ejensii sadarkaalee Itiyoophiyaa  qulqullina oomishaalee mirkaneesuun akka danda’amuuf sadarkaalee 168 raggaasisuu beeksise.

Ejensichi sadarkaalee kanneen kan qopheese qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin tahuudhaani.  

Oomisha Qonnaa, nyaataa fi meeshaalee ijaarsaa dabalatee kanneen biroos kan of keessatti qabatu yoo ta’u, sadarkaaleen ragga’an kunneenis imaammata akka biyyaatti ba’aniif akka qajeelfamaatti ni tajaajilu jedhameera.  

Ejensichi ibsa kaleessa kenneen akka jedhetti sadarkaaleen ba’an kunneen oomishaaleen dhiyaataan fayyummaa ummata biyyattii akka eegan mirkaneessuu irra darbee Industiriiwwaan oomishaalee kanneen qindeessan bu’a qabeessa ta’anii daldala keessatti humni dorgomaa ta’uu isaanii akka dabaluufis kan gargarudha jedhameera.  

Ejensii sadarkaawwan Itiyoophiyaatti Dayreektarri sabquunnamtii obbo Yismaa Jirruu akka jedhanitti, har’a kutaalee Afuriin kan ragga’an sadarkaaleen 168 ta’an kunneen qulqullina oomisha guddisuuf, qulqullina oomishaalee to’achuu fi Teekinolojiiwwan dabarsuuf gaheen isaanii guddaa ta’uu dha kan himan.  

Karaa Konistiraakshinii fi Siviil Injiineriingiin 82 haaraa, 2 kan irra deebi’amee ilaalamee fi 35 akka itti fufan kan taasifaman walumatti sadarkaalee Iityoophiyaa 119 ragga’uu isaanii ibsaniiru.

Karaa Qonnaa fi nyaataan ammoo 11 haaraa, 24 kan irra deebi’amee ilaalamee fi 11 kan itti fufan yoo ta’an walumatti sadarkaaleen 46 kan ragga’an yoo ta’u, karaa Elektroonikaalii ammoo 1 haaraa, 1 kan irra deebi’amee ilaalame walumatti sadarkaaleen 2 bahaniiru.

Keessumaa “Standards for standards – Guideline for the use of national standards in public policy ” jechuun sadarkaaleen ifa ta’an hojii to’annoo, qorannoo fi qu’annoo, yaada seeraa kennuu fi hojiilee kan biroof kan tajaajilu dha jedhameera.

Balaa tiraafikaa biyyattiitti quunnamaa jiru hr’isuufis sadarkaan ga’ee guddaa ni qabaata jedhamees ragga’uu isaa ejensichi beeksiseera.

Meshichis qaama konkolaataa irratti kaa’amuun konkolaataan saffisa hammamiin deemmuu akka qabaatuu kan hordofudha jedhameera.