Meeshaleen Kontirobaandii birrii miiliyoona 31 olitti tilmamaam to'anna jala oolana.

64

Guraandhala 24/2014(TOI)- Meeshaaleen Kontirobaandii Sanada Sobaan Gara giddu galeessa biyyaa seenuuf ture ta'atame.

Meeshaleen Kontirobaandii kun tilmaama birrii miliyoona 31 ol akka qabu Komishinii Gumuruukaatti Waajjirri Damee Awaash beeksisera.

Meeshaaleen kontirobaandii sanada sobaanfi sanada sobaa Konitneerri ittiin saamsamuun gara jiddugaleessaa biyyaa galfamuuf turan kun ka'umsa kan godhataan magaalaa Dirree dawaa yoo ta'uu karaa daandii millee - Kombolchaa seera qabeessa fakkeesuun biyya alaatii galchuuf ture jedhameera.

Akkuma Odeeffaannoo hojjetoota waajjiricha qaqqabeen poolisii federalaa waliin ta'uun gurraandhala 21/2014 halkan keessaa saatii sagalitti bakka addaa maqaan isaan Birgeed jedhamutti meeshaalee Kontirobaandii kana ta'achuu danda'uu himameera.

Meeshalee kontirobaandii to'annoo jala oolaan keessa Sigaaraa Isteekkaa kuma 50, shiishaa Isteekkaa kuma 3 fi 700 jiraachuu Komishinii Gumuruukaa Waajjirri Damee Awaashitti hogganaan garee Ittisa Kontirobaandii inspeekata Alamuu Himar himaniiru.

Konkolachisaafi gargaraan isaa ta'anna jala oolee qoratamaa jirachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015