Manni Maree bulchiinsa magaalaa Dirree dawaa yaa'ii idileessa taa'uu eegale.

51

Gurraandhala 24/2014(TOI) - Manni maree bulchiinsa magaalaa Dirree dawaa bara hojii 3ffaa, waggaa 1ffaa yaa'ii idilee 50ffaa hari'a geggeessuu jalqabeera.

Yaa'iin kun guyyoota lamaaf kan ta'amu yoo ta'u gabaasa raawwii hojiiwwan bara bajaataa kanatti baatii jahaan daran gama misoomaa fi bulchiinsa gaarii hojjetaman irraatti ni mari'ata.

Akkasumas raawwii hojii tajaajila mana qopheessaa bulchiinsa magaalichaa irrattis ni mari'ata jedhameera.Gabaasa kana irratti erga mari'atees manni marichaa waantoota gara fuula duraatti sirreeffamuu qaban irraattis kallatti ni kaa'a jedhameera.

Manni marichaa muudama adda addaas kan kennuu ta'uu himameera.

Yaa'ii kanarratti miseensoota mana marichaa malees keesuummoonni affeeraman, abbootiin amantaafi kanneen biroo ni argamu.

Manni maree bakka bu'oota uummataa Dirree dawaa miseensoota 189 qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015