Dinagdee Dijitaalaarratti Hojii Qabatamaa Hojjechuu Kan Dandeessisu Bu’urri Kaa’ameera jedhame - ENA Afaan Oromoo
Dinagdee Dijitaalaarratti Hojii Qabatamaa Hojjechuu Kan Dandeessisu Bu’urri Kaa’ameera jedhame

Finfinnee Ebla 1/2011 Waggaa tokko darbe keessatti bu’urri dinagdee dijitaalaarratti hojii qabatamaa hojjechuu dandeessisu kaa’amuusaa ministirri Innoveeshinii fi Teekinooloojii dubbatan.
Ministirichi Dr. Injiinar Geetaahuun Makuriyaa mata duree “Bitootessaa amma Bitootessaatti” jedhuun hojiiwwan waggaa tokko keessatti hojjetaman ilaalchisuun Ebla 1/2011 dhaabbilee sab quunnamtiif ibsa kennaniiru.
Wayita kana akka ibsanitti, yeroo ammaa dameen teekinooloojii waggaatti qabeenya doolaara tiriiliyoona 81 maddisiisaa jira.
Qabeenya addunyaarratti maddaa jiru keessaa irra caalaan dameewwan beekumsaa fi teekinooloojii bu’uureffatan irraa akka ta’ee fi keessumaa amma dinagdeen dijitaalaa dameelee dinagdee addunyaa dursaa jira jedhaniiru.
Fakkeenyaan kubbaaniyyoota gurguddoo addunyaarra jiran 10 keessaa saddettansaanii kubbaaniyyoota teekinooloojii akka ta’an kaasanii, haala addunyaan keenya irra jirtuun dinagdee dijitaalaan ala guddina ariifataa yaaduun akka hin danda’amne eeraniiru.
Mootummaan kana hubatee jijjiiramicha hordofuudhaan waggaa tokko darbe keessatti dinagdee dijitaalaa bifa qabachiisuuf hojjechaa akka ture dubbataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti daldala Elektirooniksii (E-Commerce) jalqabsiisuuf hojjetamaa akka ture, keessumaa tajaajiloonni kafaltii maallaqaa dijitaalaa dabalaa akka dhufan ibsaniiru.
Dargaggoonni teekinooloojii dijitaalaa fayyadamanii akkamitti carraa hojii argachuu akka danda’anii fi haala qabeenya uumuuitti danda’anirratti xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Dargaggoonni dameewwan qonnaa, fayyaa, geejjibaa fi ijaarsaa irratti moosaajiiwwanii fi siistamoota uumuudhaan gabaaf dhiheessaa akka jiran himaniiru.
Walumaa gala labsiin dinagdee dijitaalaa gaggeessu qophaa’ee xumuramuusaa, labsicharratti sadarkaawwan addaddaarratti mariin taasifamaa turee torbee dhufu waltajjiin marii kanneen dhimmi ilaalu mootummaa fi dhuunfaa waliin hirmaachise akka qophaa’u eeraniiru.
Labsichi sirna bittaa fi gurgurtaa kafaltii dijitaalaa, taaksii dijitaalaa, teekinooloojii dijitaalaa waliin wal qabatee mirgi namoota dhuunfaa akka hin tuqamne eeguu fi dhimoota biroofis deebii akka kennu beeksisanii, labsichi waggaa kana keessa ni ragga’a jedhamee akka eegamus himaniiru.
Hojiileen waggaa tokko keessatti hojjetaman fuulduraaf damee dinagdee dijitaalaatiin guddisuuf hojiiwwan hojjetamaniif bu’ura kan kaa’ee fi hojiiwwan hojjetaman keessaa akka milkaa’ina guddaatti kan ilaalamu ta’uu hubachiisaniiru.
Dinagdee dijitaalaa waliin wal qabatee bunni daldala elektirooniksiitiin(E-commerce)tiin gabaa addunyaarratti akka gurguramu gochuudhaan jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu fi sharafa alaa Itiyoophiyaan amma bunarraa argachaa kan jirtu dacha afuriin guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Teekinooloojii Infoormeeshiin komunikeeshiniidhaan deeggaramuudhaan hojmaanni hojii manneen hojii mootummaa waraqaarraa ala akka ta’uu fi tajaajila lammiileef kennamu fooyyessuuf hojiiwwan hojjetaman milkaa’oo akka turan ministirichi himaniiru.
Hariiroowwan gam-lamee fi dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechuu, teekinooloojiiwwan haaraa maddisiisuun faayidaarra oolchuudhaan,qorannoowwan rakkoo hiikan deeggaruudhaan fi hojiitti akka galan gochuudhaan hojiileen jajjabeessoon hojjetamuusaanii ibsaniiru.
Qonnaa ammayyeessuudhaaf teekinooloojiin Xaa’oo biyyoo fi lafa asiidawaa yaaluu fi qorannoon sanyii misingaa dhaloota 20f ta’u adeemsifamuusaa hubachiisaniiru.
Qonnaa qindaa’aa teekinooloojii fayyadamu, maarashaa harkaan dhiibamu, haamtuu ammayyaa, teekinooloojiiwwan dhiibbaa dubartootaa xiqqeessan madaqsuun hojiiwwan waggaa tokko keessatti hojjetamanidha jedhaniiru.
Keessumaa hojiiwwan teekinooloojiin dubartootaaf, dubartoonni teekinooloojiif jedhuun hojiiwwan teekinooloojii dhiibbaa dubartootaa xiqqeessan hojjetamuusaanii eeraniiru.
Bittaa fi gurgurtaan elektirooniiksii, sirna tajaajila mootummaa dijitaalaa diriirsuu, oomishoota jiddu galeessa gabbisa innoveeshinii keessatti gabbataa jiran, ijaarsi jiddu galeessa innoveeshinii xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa akka jiran kaasaniiru.
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad ministira saayinsii fi teekinooloojii wayita turan hojiiwwan ijaarsa jiddu galeessa innoveeshinii, teekinooloojii saatalaayitiif bu’uura kaa’uu, ijaarsa jiddu gala odeeffannoo biyyaalessaa fi kaaffeewwan saayinsii irratti hojiiwwan eegalan galmaan ga’uufis hojjetameera jedhaniiru.
Haala kanaan ministirichi bara 2011 fi 2012 teekinooloojiiwwan intarpiraayizoota maakiroo fi xixiqqaa amma kuma 2 ta’an dhaabuudhaan teekinooloojii fi carraa hojii uumuu kuma 20 olii fi qabeenya teekinooloojii doolaara biiliyoona 2 uumuuf karoorsee hojii eegaluusaa eeraniiru.
Kana galmaan ga’uuf wayita ammaa Itiyoophiyaatti dirreen dinagdee dijitaalaa bal’achuunsaa haala mijataa akka uumu hubachiisaniiru.
Teekinooloojii fayyadamuu dhiisuun teekinooloojiiwwan yeroon bira ga’e haaraa ummanni fudhachuuf fedhii dhabuun waggaa tokko keessatti qormaata mudatanidha jedhaniiru.