Pirojektiin Laamuu pirojektii walitti hidhamiinsa naannawaa cimsu ta’uu ibsame

80

Finfinnee, Gurraandhala 22/2014 (TOI) – Pirojektiin buufata doonii Laamuu pirojektii walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu fi guddina Afrikaaf abdii ta’uu ibsame.

Itoophiyaan pirojektii buufata doonii Laamuu ilaalchisee Sagantaa misooma bu’uuraalee misoomaa Afrikaa 7ffaa keeniyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu ibsame.

Pirojektiin buufata Laamuu walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsuu fi piroojektii misooma diinagdee ta’uu Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Mallas Alam bakka bu’uun haasaa kan taasisan obbo Hiibaamoo Ayyaalewu ibsaniiru.

Pirojektichi daldala daangaa ce’anii fi invastimantii beeksisuurratti ga’eensaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaan pirojekticha cimsuu fi jijjiirama hawaasummaa fi diinagdee uummattoota Afrikaa Bahaa saffisiisuuf yaalii taasifamu kan deeggartu ta’uu bakka bu’ichi addeessuu isanii ragaan Minsteera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015