Barnoota gaheesotaa deeggaruf kan gargaaru ogeeyyiin damicharratti hojetaan waldaa hundeessan.

92

Gurraandhala 22/2014(TOI) - Barnoota gaheessotaa sadarkaa barbaadamutti milka'aa taasisuufi deeggaruuf kan gargaaru Waldaan hundaa'ee.

Waldaa kanas kan hundeessan ogeeyyi damicharratti hojjetaa jiranidha jedhameera.Waldaan kun qindeessummaa Yuunivarsiitii Bahaar Dariin yaa'ii hundeeffamaa geggeeffateera.

Yaa'ii kana irrattis maqaan waldichaa Itoophiyaatti Waldaa Ogeeyyii Barnoota gaheessootaafi Misoomaa hawaasaa jechuun moggafameera.

Hundeeffama waldichaarratti Yuunivarsiitiiwwan, naannoolee fi bulchiisa magaalotaa hundarraa ogeeyyiin hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015