Namtichi Naga'ee Waliin Dhahe Hidhaa fi Maallaqaan Adabame

53

Ambo Ebla  1/2011 Namtichi naga'ee osoo waliin dhahuu argameera jedhamee himatame hidhaa waggaa lamaa fi maallaqaan akka adabamu murtaa'uusaa godina Shawaa Kibba Lixaatti manni murtii aanaa Walisoo beeksise.

Murteen kun kan darbe namticha Dassaalenyi Alamuu jedhamurrattidha.

Pirezidaantiin mana murtii aanichaa obbo Waaggaarii Fufaa tajaajila oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, murtichi nama kanarratti kan murtaa'e waggaa arfan darban buufata fayyaa Walisoo lakkoofasa 2 keessatti yakka waliin dhahuutiin himatameetu.

Namni kun yaalamtoonni kaardii wayita baasan maallaqa gaafachuudhaan kaarboonii osoo hin fayyadamiin naga'eewwan sobaa lakkoofsa gosa tokko ta'an kennuudhaan maallaqa mootummaa birrii kuma 30 ol faayidaa dhuunfaaf oolchuunsaa ragaadhaan mirkanaa'eera.

Dhimmicha kan ilaale manni murtii aanaa Walisoo dhaddacha har'a ooleen hidhaa dabalatee birrii kuma 10n akka adabamumurtee dabarsuusaa pirezidaantichi beeksisaniiru.

Namni kun himannaa kana akka dhareessu carraan yoo kennameefillee akka hin dandeenye hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015