"Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa anniisaa maddisiisuu jalqabuunsaa Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu keessaatti gahee olaanaa qaba".

131

Gurraanshala 16/2014(TOI) - Miseensoonni Mana maree bakka bu'oota uummataa Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa anniisaa maddisiisuu jalqabuunsaa Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu keessaatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Uummanni Itoophiyaa humna isaan gamtoomee ijaaraa kan jiru Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa aannisaa maddisiisuu jalqabuun isaa gamtoomnaan waanni hojjechuun hin danda'amne akka hin jirre kan muli'isedhas jedhaniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu'oota uummata TOI dubbise akka jedhanitti hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa anniisaa maddisiisuu jalqabuun bu'aa barbaadame fiduu kan danda'u ta'uu kan mirkaneessedha.

Hidhichi hirmaannaa gamtaan ogeeyyii, hoggansa qaruxxee fi deeggarsa maallaqaan hunduu haga humana isaa taasiseen milka'ees jedhaniiru.

Miseensoonni mana marichaa akka jedhanitti, Pirojeektichi milkaa'uun kanbhin danda'amu jedhamuu dandeesisuun hiyyummaa injifachuun akka danda'amu kan agarsiisedha.

Gara fuula duraattis tokkummaa cimsuun hojiiwwaan biroonis milka'uuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015