Mootummaan naannoo Oromiyaa "ejjennoo duudhaa keenya ganamaatti haa deebinu" jedhu qabatee hojiilee gurguddoo hojjechuu irratti argama- Hog. BKMNO obbo Haayiluu Addunyaa

192

Gurraandhala 15/2014(TOI) - Walgahii idilee 4ffaa Guraandhala 14/2014 manni maree bulchiinsa Mootmmaa naannoo Oromiyaa geggeesseen dhimmoota faayidaa tarsiimawaa naannichaa mirkaneessaan 4 irratti mari'atee seera ta’anii akka ragga’an Caffee Oromiyaatti qajeelfamuu ibsame.

Murtoowwaan wixinee labsii Caffee naannichaan akka ragga'aniif qajeelfaman irratti hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Wixinee Labsiiwwaan kanneen keessaa tokko Wixinee Labsii Gaachana Sirnaa tahuu kan eeran obbo Hayiluun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, "ejjennoo duudhaa keenya ganamaatti haa deebinu’ jedhu qabatee hojiiwwan gurguddoo hojjechuu irratti argamaa jedhan.

Nagaafi tasgabbiin qaama nageenyaa idilee qofaan galma gahuu waan hin dandeenyeef, gurmaa’insi ummataa qaamolee nageenyaafi deggarsa taasisan seeraan hundeessuun barbaachisaa tahuu hubachuun Mootummaa Naannoo Oromiyaa wixinee labsii Gaachana Sirnaa labsuun karaa aadaafi duudhaa ummatichaa eegeen mirgaafi fayidaa ummata naannichaa kabachiisuuf hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaloota amma jiruufi egeree akkaataa duudhaa sirna Gadaan gahee isaa bahatu uumuuf, ummata naannichaa qindeessuun Oromiyaa nagaafi tasgabbii naannichaa karaa waaraa ta’een mirkaneessuuf ijaaramni ummataa murteessaa waan ta’eef, manni marii bulchiinsaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa wixinee labsii Gaachana Sirnaa irratti mari’atee mirkaneessee gara Caffee Oromiyaatti ergee jiraachuus Obbo Hayiluun eeraniiru.

Kana malees, wixinee Labsii Gaaddisa Buusaa Gonofaa, Rakkoo umamaafi nam-tolchee naannoo keenya mudatee jiruufi fuuldurattis mudachuu malu duudhaa walgargaarsaa ummata keenyaa gabbisuuf mirkana'uusaa dubbataniiru.

Jaarmiyaa duudhaa ummata Oromoo bu’uura godhate gargaarsa namoomaa irratti bobba’u bifa haaraan irra deebiin hundeessuun Kominishinii Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa- aangoo kanaan dura labsiin kennameef dabalatee aadaa walgargaarsaa cimsuuf maqqeffama haaraa "Gaaddisa Buusaa Gonofaa" akka argatu taasifamee jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa caalmaatti bu’a qabeessa taasisuufis Labsiin Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa 10 ture gara 27tti guddisus qaama Labsilee kanneenii tahuu obbo Hayiluun eeraniiru.

Dhaabbilee misoomaa gar-tokkeen kan mootummaa ta’an kanaan dura bifa addaa addaan bittinaa’anii turan guddina dinagdee mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphachuu akka danda’an hojmaata ifa ta’e diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef, Aangoo dabalataa labsii qaama raawwachiistuu 242/2014 Kilaastarri horatalee taasisuun murtaa'ee jiraachuu ibsaniiru.

Manni Marii Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa dandeettii raawwachisumaa bajata kaappitaalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa hanga bara 2011 baay’ee gadi aanaa ture foyyessuun, bajata kaappitaalaa jiruufi jireenya ummataa jijjiiran jedhee karoorse Pirojektota bishaanii rakkoo uumamaan mudachaa jiran dandamachiisuu danda’an 73 xumursiisuuf bajata Adoolessa bara 2013 labse irratti qarshii biil. 13.95 dabaluun akka ragga’u gara Caffee Oromiyaatti qajeelchuus Hoggaanaan Biiroo Komunikeeshinii MNO obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

@BKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015