Mininstirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa irraa qaala'insa jireenyaa ilaalichisuun dhihaateef deebii kennaan keessaa,

81

Gurraandhala, 15/2014(TOI) - Mininstirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa irraa qaala'insa jireenyaa ilaalichisuun dhihaateef deebii kennaan keessaa,

  • Qaala'insi jireenyaa baay'inaan kan walqabatu nyaata waliini.
  • Sababaan qaala'insa jireenyaa inni tokko fedhiin waa barbaaduu dabaluurraayyu. Guddina dinagdee ture caalaa baay'inni uummataa dabaleera.
  • Guddinni dhiheessii fedhii barbaadamu waliin walgitaa hin turre. Gatiin ni dabala jechuun qabeenya gabaatti baasuu dhiisuu, hanga gatiin ol oomisha bituunifaa rakkicha caalaatti hammeessera.
  • Shamatoonni fi oomishinnii haala barbaadamuun wal argachuu dhabuunis qaama rakkicha cimsee keessatti argama. Rakkoon sababa vaayirasii koroonaan addunyarratti umamees gahee qaba.
  • Qonna magaalaa haala gaariin babali'isuun baay'ee barbaachisaadha.
  • Gatii boba'aa bara kana qofaa harka 85 dabaleera,kan zaayita nyaata harka 60 , kan geejiba kontineeraa immoo harka 200 dabaleera.
  • Shaqaxoonni nyaataa doolara miiliyoona 1.2'n gara biyyaa galeera. Kan bara darbeen yoo madaalamu dachaan dabaleera.
  • Baroota darban gatii boba'aa deeggaruuf birriin biiliyoona 100 baasii ta'eera.
  • Qamoolee boba'aa biyyaa baasuuf yaaran irraatti qaamoleen nyageenyaa tarkaanfii barbaachisu fudhachuu qabu. To'annaan cimaas taasifamuu qaba.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015