Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Ariifachiisaa 3ffaa gaggeessaa jira

90

Gurraandhala 15/2014(TOI) - Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Ariifachiisaa 3ffaa geggeessa jira.

Waliga'icha irratti Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana marichaarra ka'eef deebiifi yaada kennaniiru.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffiiwwan dhimma dinagdee fi ibsaawaan adda addaa keennan keessaa,

  • Dinagdeen biyyaa baatiiwwan jahan darban dhiibbaa nam-tolcheefi umamaa jala tureera.
  • Balawwaan umamaa biroo fi hongeen dinagdeerratti dhiibbaa guddaa uumeera. Covid -19 sirana gabaa addunyaarratti rakkoo jabaa uumeera.
  • Qamooleen lixaa kennaan deeggarsa isaanii qabachuun isaanii waantoonni hojjechuuf yaadaman akka yeroo barbaadamanitti hin xumuramne ta'eera.
  • Hoggansi dhimmoota keessoo biyyaarratti xiyyeeffannoo kennee ture. Sababa waraanaan lammileen hedduun qe'eef qabeenya isaanirra buqqa'uun guddina dinagdee irraatti dhiibbaa uumera.
  • Waraanicharratti kan hirmaatan lammilee oomishitoota jedhamanidha.
  • Galiin taaskiirraa argamu harka 15 guddateera. Kunis kan yeroo darbeerraa kan fooyyee qabuufi abdii namatti horudha.
  • Baatiwwaan jahan darban birriin biiliyoonnii 297 baasii ta'eera.Kunis kan bara darbeen harka 39 guddateera.
  • Galiin galee fooyyee qabaatuus baasiin waan dabaleef hiri'ina agarsiiseera.
  • Madaallii daldalaa yoo ilalaamu baatiiwwan jahan darban daldalli ala ergii Itoophiyaa harka 25 dabaleera.
  • Guddinni kun kan argame 'shaqaxootaa' fi midhaan Zayitaa irraayyu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015