Lafa heektaara miiliyoona 2 ol irratti hojiin eegumsa qabeenya uumamaa ni jalqabama - ENA Afaan Oromoo
Lafa heektaara miiliyoona 2 ol irratti hojiin eegumsa qabeenya uumamaa ni jalqabama

Finfinnee Mudde 13/2011 Naannoo Oromiyaatti torbee dhufurraa kaasee lafa heektaara miiliyoona 2.1 irratti hojiin eegumsa qabeenya uumamaa ni jalqabama.
Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaatti waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo ta'u, torbee dhufu kan jalqabamu kan amma ammaatti hojjetaman caala hojiiwwan adda ta'an akka hojjetaman dubbatameera.
Itti aanaan itti gaafatamaa biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii tajaajila oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojiin baranaa hojiiwwan eegumsa qabeenya naannoo kana dura hojjetaman kunuunsuudhaan gara faayidaa dinagdee fooyyeetti jijjiiruudhaan carraa hojii uumuu irratti kan xiyyeeffatu ta'a.
Kana malees haala qabatamaa naannoo qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa hubannaa keessa galchuun hojjechuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Ogeeyyonni qonnaa hojii kana beekumsaa fi dandeettiidhaan akka gaggeessan ogeeyyota naannoo fi aanaalee hunda irraa dhufaniif leenjiin kennameera.
Hirmaannaa uummataa waggoota sadan darbaniif qabbanaa'e cimsuudhaan fayyadamummaa diinagdee isaa guddisuuf beekumsaan deeggaramee hojii baay'inaa fi qulqullina jiddu galeessa godhate hojjechuuf xiyyeeffatamuu isaa dubbataniiru.
Hanqinni hubannoo horsiisee fi qonnaan bulaa bira ture hojii hojjetamee fi bu'aa argamerraa ka'uun yeroo ammaa humna isaa osoo hin qusatiin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Hojiiwwan amma ammaatti hojjetamaniin dhiqamni biyyoo akkasumas biyyoon yaa'a gaara gubbaatiin dhiqamaa ture hir'achuu isaa fi gaarreewwan qullaatti hafan bayyanachuu isaanii eeraniiru.
Iddoowan lolaa miidhaman to'achuun akka danda'ame, misoomni bosonaa, maddi bishaanii,lafti dheedichaa akka dabalanis beekuun danda'ameera.
Gama biraatiin lafa eegumsa qabeenya uumamaatiin misoome keessaa heektaara 320 irratti dargaggoonni hojii maleeyyii waldaadhaan gurmaa'anii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Eegumsa qabeenya naannootiin muuxannoo gaarii kan qaban beeksisaa akka jiran dubbatanii, Harargeen bahaa fi lixaa, godinaaleen shawaa, godinaaleen Wallaga bahaa fi Horroo Guduruu Wallagaa muuxannoon gaarii kan keessatti argameedha.
Ogeeyyonni eegumsa qabeenya naannoo godinaalee adaa addaa irraa dhufanii leenjii fudhatan akka jedhanitti, hojii kana dura hojjetameen bu'aan argamus, ammallee baay'ee hojjechuun ni barbaachisa jedhaniiru.
Godina Jimmaa irraa kan dhufan Obbo Tasfaayee Kabbadaa akka jedhanitti, aanaa Xiroo Afataatti bu'aaleen qabatamaa misooma yaa'aa irraa argaman akka jiranii fi qonnaan bulaan haala jireenya kana duraa irraa fooyya'aa akkaa dhufe dubbataniiru.
Kana malees horsiisa ilaalchisee lafa tuttuqaa irraa bilisa gochuun horsiisa kanniisaa,loon gabbisuu fi kuduraa dhaabuudhaan buna, muduraa kanneen akka abokaadoo, appilii dhaabuudhaan bu'aan oomishtummaa argamaa jira.
Obbo Buzaayyoo Minaalee gama isaaniitiin,naannoo isaaniitti bo'oo lolaa baasuudhaan lagni dalaliin akka hin guutamne, biyyoon akka hin dhiqamnee fi lafti jiidhina qaban dalaliin akka hin guutamne lafi miidhame hidha akka ijaarameef dubbatameera.