Yuuniseef naannoo Gambeellaatti lammilee sababa lolaan miidhamaniif deegarsa birrii miiliyoona 13 taasisa.

60

Gurraandhala, 10/2014(TOI) - Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa daa'immanii (Yuuniseef) Naannoo Gambeellaatti lammilee ganna darbe bokkaa cimaa roobee lolaa uumeen miidhamaniif deeggarsa birrii miiliyoona 13 deeggarsa taasiseera.

Sirni deeggarsicha kennuu har'a aanaa Gambeellaatti jalqabameera.

Sirna kanarratti kan Dhaabbatichatti itti wamamaan naannoo Gambeellaa doktar Abduulliihaq Waalid akka himanitti,deeggarsi kun kan taasifameef naannoo Gambeellaa aanaalee 5 keessaatti ganna darbe bokkaa roobee lolaa cimaa uumeen lammilee miidhaman kuma 5 fi 800 fidha.

Deeggarsi dhaabbatichi taasisee birriin miiliyoonni 13 fi kumni 192 kun baatiiwwan sadan dhufaniif waan nyaatanii jiraatan kan ittiin qopheeffatan yoo ta'u deeggarsichas cimsanii kan itti fufan ta'uu himaniiru.

Lammilee miidhaan irra gahe kanneenif tokkoon tokkoo isaaniif ji'aan birrii 700 dhaabbatichi kan kennuuf ta'uu himaniiru.

Pireezidantiin naannoo Gambeellaa obbo Uumoodi Ujuluu akka himanitti 'Yuuniseef'hojii misoomaa kan hawaasumaa fi dinagdeen naannichaatti geggeeffamu deeggarsa turu himuun deeggarsa amma taasifameefis galateeffataniiru.

Deeggarsa jalqabame kanas cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015