Magaalaa Aggarootti Pirojeetoonni 20 birrii miiliyoona 100'n ijaaramaa jiru.

53

Gurraandhala 10/2014(TOI) - Magaalaa Aggaarootti pirojeetoonni bu'uura misoomaa ta'aan 20'n birrii miiliyoona 100'n ijaramaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Hoji geggeessan Wajjira mana qopheessaa magaalichaa obbo Jamaal Jabal akka himanitti,daandii kobilistoonii keessa keessaarratti Kobilistooniin hojjechuu, bo'oowwan lolaa, bakka oolmaa dargaggootaa fi boqonnaa uummataatu magaalichaatti birrii miiliyoona 100 hojjetamaa jira.

Laga Tamsaa irratti pirojeetiin misoomaa meetiira dhibba lama dheeraatu, manneen qusannaa fi gamoon bulchiinsa magaalichaas hojjetama akka jiru himaniiru.

Pirojeetoonni ijaaramaa jiran kunneen birri miiliyoona 10 bajata idilee irraa, birrii miiliyoona 55 UIDP irraa, birrii miiliyoona 14 bajata mana qopheessaarraa, birrii miiliyoonni 20 immo hirmaanna hawaasaa irraa kan argameen hojjetamaa jira.

Walii galaan pirojeetonni kun birrii miiliyoona 100'n kan ijaaramaan yoo ta'u, pirojeetoota kana keessaa pirojeetii ijaarsa laga Tamsaa irratti hojjetamaa jiruu fi ijaarsa gamoo mana qopheessaarra kan hafe hundi isaaniiyyu bara kana kan xumuraman ta'uu obbo Jamaal Jabal himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015