Meeshaan waraanaa seeraan alaa Magaalaa Godor galafamuuf ture to'atame. - ENA Afaan Oromoo
Meeshaan waraanaa seeraan alaa Magaalaa Godor galafamuuf ture to'atame.

Guraandhala 8/2014(TOI) - Godina Makaalawii Gondor magaalaa Saanjaarra Baajaajii lamaan fe'amee magaalaa Gondor galfamuuf kan ture Shugguxiin Turkittii hojjetamee 76 fi Rasaasinni kuma 19 to'annoo jala ooluu poolisiin beeksiseera.
Meeshaaleen kunis kan to'ataman aanaa Laay armaacoo bakka addaa maqaan isaa 'Itoophiyaa kaartaa' jedhamutti ta'uu qajeelcha poolisii Maakalawii Gondoritti hogganaan dhimma Kominikeeshii komaandar Inyaawu Wubinee TOI tti himaniiru.
Kaleessaa guyyaa sakatta'insa tasaa taasifameen to'annaa jala ooluus himaniiru.
Komaandarichi akka himanitti konkolaachisaan Baajijii meeshicha fe'ee deema ture tokkoo kan to'atame yoo ta'u kanneen hafanis poolisiin hordofaa jira jedhaniiru.