Manni Marichaa labsii yeroo ariifachiisaa kaase - ENA Afaan Oromoo
Manni Marichaa labsii yeroo ariifachiisaa kaase
46
Finfinnee, Gurraandhala 8/2014 (TOI) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen labsii yeroo ariifachiisaa kaaseera.
Manni mariichaa murtee labsiin yeroo ariifachiisa akka ka'u murtaa'ee hordoofuun yaa'ii ariifachiisa har'a taa'een sagalee mormii 63 , sagalee kan hin laannee 21fi sagalee caalamaan labsichi akka ka'u taasise.
Boordiin qorannoo labsii yeroo aariifachiisaas dhimmi haga ammaatti osoo hin xumuriin hafe yoo jiraate ji'a tokko keessaatti xumuree qaama dhimmi ilaaluuf akka gabaasu murtaa'eera.
Qaamooleen haqan hojii raawwii yeroo labsii ariifachiisa waaliin wal qabatee jiru kan hin xumuramnee jiru yoo ta'e karaa hojii idilee qaamolee haqaan akka furamuu dabarsaniiru.