"Baankiin Daldala Itoophiyaa odaa faayinaansii biyya kanaati"

292

Gurraandhala 7/2014(TOI) - Waajjirri Muummee Baankii Daldala Itoopiyaa Ministira Muummee Doktar Abbiyyi Ahmadiin ifatti eebbifame.

Baankichi bakka hoggantoonni mootummaa olaanaan federaalaafi naannolee argamanitti ebbifame.

Doktar Abiyyi haasaa sirna eebba gamochaarratti taasisaniin, baankichi umurii waggaa 80 kan qabu seenaa faayinaansii Itoophiyaati jedhan.

Baankichi odaa faayinaansii biyyattiiti. Ogeeyyota hedduus horateera. Rakkoolee keessaafi alaa isa mudatan dandamachuun sadarkaa kanarra gaheera.

Baankiin Daldala Itoophiyaafi dhaabbileen faayinaansii biyyattii sirna kenniisa liqii fooyyessuun abbootii qabeenyaa qofa utuu hintaane qonnaan bultootaafi hojjettootaafis tajaajila liqii barbaachisu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Pirezdaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo akka jedhanitti, baankichi imalasaa waggoota 80n bu'uura misoomaafi dinagdee biyyattii ta'ee tajaajilaa kan tureefi jiruudha.

Baankichi waggoota lama keessatti qarshii biiliyoona 2.6 deggersa taasiseera. Baankichi baankota dhuunfaa biyyattii keessatti banamaniifis bu'uura.

Baankichi tajaajilasaa ammayyeessuun yoomiyyuu caalaa fedhii maamilootasaa guutuuf hojjechaa jiraachuu himanii, gamoon waajjira muummee baankichaa ammayyaa'aan ijaaramee xumuramuun eebbifame kun sadarkaa guddinaa baankichi irra gahe kan agarsiisu ta'uus eeraniiru.

Walittiqabaan Boordii Daarikteerota Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Taklawaldi Axnaafuu akka jedhanitti, bilisummaafi dhaga'ummaan biyya tokkoo guddina dinagdee biyyaarratti hundaa'a.

Baankonni sirna dinagdee biyya tokkoof bu'uura. Baankichi misoomaafi guddina dinagdee biyyattii mirkaneessuufi ittifufsiisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Baankichi waggaa 80fasa waajjira muummeesaa akka Afrikaatti sadarkaa 3fa ta'e ijaaree xumuruun eebbisiisee imalasaa mataduree ''Gara olka'iinsa haaraaatti'' jedhuun kan ittifufu ta'uu himaniiru.

Baankichi hoggantoota damee faayinaansii baankichaa fayya buleessa taasisuufi guddina baankichaa keessatti gumaacha olaanaa taasisan shan (Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Obbo Taklawaldi Axinaafuu, Doktar Tafarraa Dagfee (amma lubbuun kan hinjirre), Obbo Alamuu Abarraa, Obbo Xilaahuun Abbaay) badhaasa addaa badhaaseera.

Kana malees baankichi hojjetoota waggoota dheeraaf baankicha tajaajilaniifi hoggantoota baankichaa milkaa'ina gamoo ijaarsa waajjira muumnee baankichaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaniifi hoggantoota baankichaa duraaniifi ammaa badhaaseera.
(Gaazexaa Bariisaa)

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015