Rasaasinni karaa seeraan ala konkolaataatti fe’amuun daddabarfamaa ture kumni 9 ol to’annaa jala oole.

75

Guraandhala 04/2014(TOI) - Rasaasinni karaa seeraan ala konkolaataatti fe’amuun daddabarfamaa ture kumni 9 ol to’annaa jala ooluu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Gurraandhala 3/2014 Konkolaataan lakkoofsi gabaateesaa 3-B27307 A.A ta'e meeshaa waraanaa karaa seeraan alaa dadabarsuun shakkame Finfinnee kutaa magaalaa Boolee bakka Gooroo safaraa jedhamutti to'annoo jala oole jedhameera.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee akka ibseetti, konkolaatichi ka’umsi isaa Magaalaa Dabra Birhaan taasisuun rasaasaa Kilaashiinkoovii kuma 8f 465, rasaasota bireenii 661, sakatta’insa tajaajilli nageenyaafi odeeffannoo biyyaalessaa fi miseensonni poolisii magaalaa Finfinnee waliin taasisaniin halkaan keessaa sa’aatii 4tti to'atame.

Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 11 maqaa adda Gooroo jedhamu wayita gahu to’annoo jala ooluu beeksiseera.

Shakkamaan kun to’annoo jala oolee qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachus himameera.

Konkoolaachisichis rasaasota seeraan ala kana fe’uuf birrii kuma 2f 500 akka isaaf kaffalamu waliigaluus himeera.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015