Waajjira Nageenyaa fi Misoomaa waloo ijaaruuf dhagaan Bu’uuraa kaa’ame

62

Gurraandhala 4/2014 (TOI) – Naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti Waajjira Nageenyaa fi Misoomaa waloo Beenishaanguul Gumuuzi fi Oromiyaa ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Pireezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi kan naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan dhagaa bu’uuraa kana kaa’uu ibsameera.

Akkasumas ijaarsa mana barumsaa Ifa Boruu saadarkaa 2ffaa Beenishaanguul Gumuuz Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ijaarramu ,Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dhagaa bu'uuraa kan kaa'aan ta'uu ragaan Waajjira Pireezdaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015