“Tattaaffiin nageenyaafi guddina waaraa fiduuf eegalame gamtaan deeggaramuu qaba”

110

Gurraandhala 4/2014(TOI) - Dhiibbaawwan alaa Itoophiyaarra gahan tokkummaan qolachuurra darbee sadarkaa biyyaalessaatti tattaaffiin nageenyaafi guddina waaraa fiduuf eegalame gamtaan deeggaramuu akka qabu Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon hubachiisan.

Obbo Dammaqaan, Ameerikaa Kaabaatti hoggantootaafi miseensota qindeessitoota #Nomore/ Nigaha# idil–addunyaa Waajjirasaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Maricharratti humnoonni alaa gareewwan badii biyya keessaa jiran waliin walitti dhufeenya uumuun Itoophiyaa diiguuf addawwan garagaraatti gocha sukkanneessaa uumuufi dhiibbaa cimaa uumuun birmadummaa biyyaarratti dhiibbaa geessisaa akka turan Obbo Dammaqaan yaadachiisaniiru.

Dhiibbaalee alaa qolachuun adda waraanaa of kan danda’e akka tures himaniiru.

Ameerikaa Kaabaatti hoggantoonnifi miseensonni qindeessitoota #Nomore / Nigaha# idil-addunyaa qaama seenaa kanaa ta’uun gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015