Manni murtiitichaa namoota hoggantoota naannoo Amaaharaa ajjeesuun shakkamaan 28 irraatti murtii balleessummaa dabarse.

59

Guraandhala 3/2014-Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa namoota hoggantoota naannichaa ajjeesaniiru jedhamanii shakkaman 28 irraatti murtii balleessuummaa dabarseera.

Namoonni kunneen Waxabajjii 15/2011 ajjeechaa hoggantoota naannichaarratti raawwatameen Shakkamuun kanneen galmee Shaambaal Memaar Geetinnatiffaa jalaatti himatamanii 32 keessaatti kan argamaniidha.

Manni murtiichaa Dhaddacha guyyaa har’aa ooleen, himatamaan 7ffaa Yemaanee Taaddasaa, himatamaan 8ffaa Silashii Kabbadaa, himatamaan 11ffaa Koloneel Fantaahuun Muhaabaaw fi himatamaan 12ffaa koloneel Mogaas Zegeyeew bilisaan akka bahan murteesseera.

Himatamttoonni 28 immoo yakka hojjetaniif ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan gaafatamanis ragaa abbaa Alangaatiin irratti dhiyaate ofiirraa ittisuu waan dadhabaniif murtiin balleessummaa itti kennameeera.

Himatamttoonni kunniin yakkicha adda durummaan raawwachuun, gamtaa fi namoota kakaasuun, heera mootummaa fi sirna mootummaa diiguun balaarra buusuu fi aangoo naannichaa karaa seeraan alaan to’achuuf hirmaachaasaaniitiin murtii balleessummaa akka irratti kenname Manni murtichaa ibseera.

Himatamttoonni kunniin hoggantoota Naannoo Amaaraa kan turan, Dr. Ambaasewu Mokonnin, Obbo Izazee Waasee, Obbo Migibaaruu Kabbadaa fi Miseensoota eegumsa addaa kanneen biroo rasaasaan rukkutamanii akka du’anii fi madaa’an gochuusaanii Manni murtichaa himeera.

Ragaa namaa Abbaan Alangaa dhiyeesse, ragaalee fi sanadoota garaa garaa nageenyaa fi odeeffannoo biyyaaleessaa irraa argameen yakkicha keessatti hirmaachuusaanii waan mirkanaa’eef Manni murtichaa guyyaa har’aa murtii balleessummaa irratti kennuu beeksiseera.

Manni murtichaa himatamtoonni arfan bilisaan akka bahan murtaa’e akka gadhiifamaniif Mana Amala Sirreessaa Baahir Daariif ajaja dabarseera.

Himatamtoonni murtiin balleessummaa itti kenname 28’n yaada murtee isaanii salphisu qabatanii akka dhiyaataniif Gurraandhala 7, 2014'tti beellama qabachuun dhaddachi guyyaa har’aa xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015