Raayyaan Ittisa Biyyaa nu kunuunsee tajaajila wal’aansa fayyaan nu ga’eera

88

Guraandhala 3/2014 (TOI)- Raayyaan Ittisa Biyyaa nu kunuunsee tajaajila wal’aansa fayyaan nu ga’ee du’arraa nu baraareera jedhan dubartoonni godina Walloo garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’e.

Gareen shororkeessaa ABUT gocha suukkanneessaa dubbachuuf mitii yaaduuf ulfaataa ta’e irraan ga’uu dubartoonni garichaan miidhamanii hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xoorhaayloochitti yaala fayyaa hordofaa jiran ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannicha erga to’ateen booda gara wal’aansa fayyaaf gara hospitaalichaa isaan fiduu miidhamtoonni kunneen eeraniiru.

Dargaggeettii waggaa 27 kan taate Warqee Wadaajeen miseensonni garechaa sadaasa 29, 2014 galgala keessaa naannoo sa’aatii 2:00 balbala mana ishee cabsanii seenuun abbaa manaa fi ijoollee ishee fuulduratti ishee gudeeduuf wal’aansoo ittiin qabuu fi gaafa diddu miilla ishee mirgaa rasaasaan rukuchuu ibsiteetti.

Abbaan manaa ishee bakka funyoon hidhamee jirutti ishee fi ijoollee ijoolleeshee fuulduratti ajjeesanii deemuu himteetti.
Aadde Zawdituu Mangashaan gamasaaniin miseensonni garee shororkeessichaa wayita naannicha weeraree turetti gara mana isaanii dhufuun humnaan buddeena qoonqoo ijoollee isaaniirraa butee nyaachaa turuu fi halka guyyaa tokkoo dhukaasa banuun harkasaaniirra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu eeraniiru.

Dargaggoon Haadiigaaz Raahimat gamasheen miseensonni garechaa gara mana isaanii erga dhufaniin booda manaa gadi nu baasanii warra ajjeesan ajjeesanii warreen madeesan achumatti nu dhiisanii deeman jechuun gocha gara jabinaa garechi maatisheerraan ga’e ibsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015