Eeyyama malee hojii tola ooltummaaf koree hundeessanii maallaqa walitti qabuun dhorkame.

72

Gurraandhala 3/2014(TOI) - Namni kamiyyuu qaama dhimmi ilaallaturraa eeyyama seera qabeessa osoo hin argatiin hojii tola ooltummaaf koree hundeessee maallaqa walitti qabuun dhorkamuusaa Abbaan Taayitaa dhaabbilee Waldaalee Siivilii beeksise.

Kanaan dura heeyyama osoo hin qabaatiin dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa koree hundeessanii maallaqa tola ooltummaaf walitti qabaa jiranis abbaa taayiticharraa eeyyama fudhachuu akka qaban beeksiseera.

Kanneen kana hin raawwanne adda baasuun tarkaanfiin barbaachisa ni fudhatamas jedhameera.

Abbaa taayitichaarraa eeyyama osoo hin argatiin maqaa uummataan hojiin maallaqa walitti qabuu dhorkaadhas jedhameer.

Maallaqin maqaa uummataan walitti qabamu akka hin qisaasofnee ittisuuf abbaan taayitichaa aangoo seeraan kennameef akka qabu ibsa TOI ergeen beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015