Hojiirra oolmaa waliigaltee qaxanaa gabaa bilisaa Afrikaa milkeessuuf dameen daldala dhuunfaa hirmaanna cimaa gochuun barbaachisadha.

73

Gurraandhala 2/2014(TOI) - Hojiirra oolmaa waliigaltee qaxanaa gabaa bilisaa Afrikaa milkeessuuf dameen daldala dhuunfaa hirmaanna cimaa gochuun barbaachisaa waan ta'eef mika'ina kanaaf damee kanarratti kanneen hirmaachaa jiran akka hirmannaa cimaa taasisaan Gamataan Afrikaa hubachiise.

Waliigalteen qaxanaa gabaa bilisaa Afrikaa yaa'ii ariifachisaa bara 2018 Ruwaandaa Kiigaaliitti taa'een miseensoota gamtichaa kan ta'an biyyoonni 44 waliigaltichi hojiirra akka oolu murteessu isaanii ni yaadatama.

Biyyoonni Afrikaa 54 waliigalticha kan mallatteessan yoo ta'u , biyyoonni 40 ta'an immoo mana maree seeraa isaaniin murteessaniiru.Waliigalteen Qaxanaa gabaa bilisaa Afrikaa Amajji 1/2021 irrra jalqabee hojiirra oolu jalqabeera.

Komishiinii Gamataa Afrikaatti Hogganaan hojii Industirii, Innoveeshinii fi Albuudaa Huseen Hasan, Waliigaltichi walitti dhufeenya daladalaa aardichaa cimsuu keessaatti gahee olaanaa kan qabudha.

Rakkoolee hojii daldala biyyoota jidduutti geggeeffamu furuun, eegumsa daangaleerratti taasifamuu sirna isaa gabaabsuun sochii daldalaa jiru akka ariifatuu kan taasisuu ta'uus himaniiru.

Dabalataanis biyyyoonnii fi Kubaaniyaawwaan oomisha qulqullina olaanaa qabu gatii xiqqaan dhiheessuuf waldorgommii taasisaniin lammileen oomishaa fooya'a akka argatan kan taasisuudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015