Gamoon haaraan abbaan darbii 55 Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsise dilbata dhufu ni eebbifama.

84

Gurraandhala 01/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti gamoon haaraa abbaa darbii 55 Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsise dilbata dhufu ni eebbifa.

Pireezidaantiin baankii daldala Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo sirna kabaja hundeeffama baankichaa waggaa 80ffaa fi gamooo dheeraa baankichi ijaarsise kan dilbata dhufu eebbifamu ilaalichisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanis gamoon haaraa Baankiin Daldala Itoophiyaa Finfinneetti ijaarsisee kun miidhagina biraa magaalaa Finfinneef ta'eera jedhaniiru.

Gamoon kun lafa kaaree meetira kuma 165 irratti kan ijaaramee fi dheerina meetira 209 qaba.

Gamoon haaraa kun Waajjira muummee baankichaa yoo ta'u sadarkaa guddina baankichi irra gahees kan muli'isudha jedhaniiru.

Gamoon haaraa kun darbii lafa jalaatyi argamu dabalatee waliigalaan darbiiwwan 55 qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015