Pireezidaantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseenguu Obosaanjoon Magaalaa Kombolchaa galan. - ENA Afaan Oromoo
Pireezidaantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseenguu Obosaanjoon Magaalaa Kombolchaa galan.
49
Amajji 30/2014(TOI) - Pireezidaantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseenguu Obosaanjoon weerara garee shororkeessaa ABUT tiin miidhaa umame ilaaluuf Magaalaa Kombolchaa galan.
Obosaanjoon magaalaa Kombolchaa yeroo gahaan hoggantoonni naannoo Amahaaraa fi qaamoleen adda addaa buufata xiyyaara Kombochaatti argamuun simannaa taasisaniifiru.
Bulchaan godina Walloo Kibbaa obbo Abduu Huseen akka TOI himanitti Obosaanjoon turtii isaanii magaalicha turanitti badii gareen shororkeessaa ABUT mirga namoomaa fi qabeenyaarraan gahee ni daawwatu jedhaniiru.
Daawwanna kanaan boodas hoggantoota fi qooda fudhatoota dhimmi ilaallatu biroo waliin ni mari'atu jedhamee akka eegamus himaniiru.