Yaa'iichaan dhimma nageenyaa fi tasgabbiirratti bali'inaan mari'atameera.

61

Amajji, 29/2014(TOI) - Yaa'ii hongantoota Gamataa Afrikaa 35ffaa walga'ii balbala cufatee taa'een dhimma nageenyaa fi tasgabbii Afrikaarratti bali'inaan mari'achuu dubbi himaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Diinaa Muftii himan.

Yaa'ichi kaleessaa kan jalqabe yoo ta'u, waaree booda dhimmoota adda addaarratti qofaatti balbala cufatee mari'ateera.

Dubbi himaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa laataniin yaa'ichi dhimma nageenyaa fi tasgabbii aardivharratti bali'inaan mari'achuu himaniiru.

Dhimma Afrikaatti karaa seeraan alaa mootummaa foqolchuu yaaddoo ta'aa dhuferratti yaa'iichi marii taasisuu himaniiru.

Yaadichas Pirezidaantiin Keeniyaa Uuhuuruu Keniyaataa bali'inaan kan kan dhiheessan yoo ta'u hoggantoonni hedduus yaada kanarratti hundaa'uun yaadotaa maariif ta'an kaasanii irratti mari'atamuu himaniiru

Gama biraatiin dhimma yaaliwwan Vaayirasii Koroonaa ittisuuf taasifamaa jirufi bu'a haga ammaatti argamerrattis mari'atameera jedhaniiru.

Keessayyu sirna Fayyaa diriirsuun talaalli vaayirasichaa waliin gahuun haala danda'amurratti hoggantoonni gamtichaa mari'achuu ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.

Baankiin misooma Afrikaa tokkummaa aardichaa ariifachiisuf 'Fandi" barbaachisu ilaalichisee gabaasa dhiheesserrattis mari'atamuu amaabaassar Diinaan himaniiru.

Yaa'ichi har'as kan.mariyatu yoo ta'u dhimmoota heddu irratti murtee ni kenna jedhamee eegama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015